1 Samuel 19:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni lubbu ufi ded'e Goliathi ijeese, akasiini duuba AABBO Waaqi worra Israeli harka nyaapa keesaa baase dabsachiise. Atinileeni waan suni agarte jennaani gammadde. Atini maanifi amma nama woma iyyakini iti ch'ubbamte fayyuma tana Daudi ijeesu feeta?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni uduu lubbuun isaa garaa hin nyaatin Gooliyaadiin ajjeese; Rabbillee Israa'eliif mooyicha guddaa godhe; atillee mootee san argitee gammaddeerta; kanaaf maaf duwwamatti lubbuu isaa baafta?»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni lubbuu ifiitiif adoo hin mararfatin Filisxeemicha san ijjeese; Mootiin Waan Maraalle injifachaa guddaa kolbaa Israa'elii maraaf kennee, atille dhaggitee gammadeerta. Maaf sababa malee nama yakkaa hin qanne Daawiti ijjeettee cubbuu hujja ree?» jedhe.