1 Samuel 2:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tana male, ato gabbinna iraa kutani ingubinu hojattuuni qaallicha nama sorio baasu suniti d'ufte waan jettuuni, fooni qaallichi wodu nati kenni; inni fooni d'aabani sira imfud'atu, d'eed'i male.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa ciincaa dhiyeessan cooma ciincawu, ka gadichaa hojjatu dhaqee nama ciincaa dhiyeessuun «Foon dheedhii malee ka affeelame waan gadichi hin jaalanneef foon wodduuf natti kenni» jedhaan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Moorri adoo hin gubaminiin dura, tajaajilaan hayyichaa gara nama ciincaa dhikeessuu dhufee, «Hayyichi foon dheedhii malee ka iffeelame waan si irraa hin fudhanneef, foon isaaf woddu natti kenni» jedha.