1 Samuel 2:28 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Anini gosa Israeli ch'ufa keesa worra isaa fohad'e, aka fulla sorio iti naa qalani keesa worri hojate, hit'aana aarse na durati woya qaallu qomati keeyate qaalole naa tahe naa hojatu. Ammalle anini sorio gubani naa baasani keesa jifu worraa kenne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gosa Israa'elii maraa keessaa akka gadicha naa ta'uuf, hulee ciinca'aa kiyyatti akka ciinceessuuf, akka hixaana naa aarsuu fi uffata ulfinnaa na afo'otti akka uffatu ufiif isa filadhe kennaa ciinca'aa ka ijoolleen Israa'elii ijoollee abboota tee ta duraatiif dhiyeessitu sii kenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akka inni hayyuu naaf te'u, akka inni ciincaa naaf dhikeessu, akka inni hixaana naaf aarsu, akka inni na duratti woyaa hayyumma'aa ta qomaa uffatu, gosa Israa'elii mara keessaa ani abbaa abbootii teetii ta durii filadheera; ciincaa gubamu ka Israa'elooti duri naaf dhikeessitu mara ani sanyii abbaa keeti ka duriitiif kenne.