1 Samuel 2:29 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini maanifi soriofi waan na baasani ch'ufa ka anini worra kiyya iraa fed'u, d'araatafi? Ammalle atini maanifi ilmaani tante nara ulfeesite fooni dandansa sorio ka gochiti tiyya ta Israeli na baaftu iti lakifte, akanaani ilmaani tante ufi gagabbifte?
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kenna'aa fi ciincaa kiyya ka ani akka naa dhiyeessaniif ajaje isin maaf salphiftan? Ijoolleen tee waan ciinca'aaf dhiyaatu mishaa irraa fudhatanii furdatu'uuf nyaatan ati na caalaa maaf isaan kabajjite?›
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin ciinca'aa fi kennansa addee bultuma tiyyaatitti akka naaf dhikaatu ani ajaje maaf tuffatane? Ilmaan teeti kennansa kolbaan tiyya Israa'el naaf dhikeessitu irraa dadansaa nyaatanee akka fufurdatanu, ati maaf na caalaa isaaniif ulfinna kennite?