1 Samuel 2:30 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Tanaafi anini, AABBO Waaqi Israeli, waan jed'u: Anini duri aka worraafi gochiti tante haga jiru jireenna qaallu naa tatu kakhad'e. Ammo anini amma aka suni ya dide! Anini amma nama na guddisu guddise ammo nama ch'eera naa d'abu tufad'a.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Rabbi Waandhi Israa'elii akkana jedha ‹Maatiin keetii fi maatiin abbeetii ka duraa bara baraan akka naa hojjataniif waadaa galee ture, amma garuu akkas hin ta'u; worra na kabajje ani hin kabajja; worri na tuffate hin tuffataman wonti akkanaa kun na biratti hin ta'u.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf, Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii: Ani maatii teetii fi maatiin abbaa keetii haga bara baraa akka ana tajaajilanu waadaa galeeraayyu; amma ammoo tun ijjumaa hin teetu; worra ulfinna naa kennuuf, anille ulfinna isaaniif hin kenna; worri na tuffatulle ijjumaa hin tuffatama.