1 Samuel 2:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni hiyyeeyi awara keesaa fuud'e, nama laafa woma inqamne fulla daara iti harani keesaa baasa. Inni worra suni worra gugurda woliini teesise barch'uma guddinna kennaafi, yayabi lafaa ka AABBO Waaqati, inni isii irati waan ch'ufa jaare.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rakkattoota worra jajjabaa woliin teessisu'uuf, hulee salphinnaatii isaan kaasa, teessoo ulfinnaa isaanii kenna, hiyyeeyyii daaraa keessaa kaasa; bu'uurri biyya lafaa ta Rabbii waan taateef, isii irratti adunyaa uume.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni hiyyeessa bukuu irraa ol hin kaasa; rakkataalle tuulaa daadha'aa irraa ol hin kaasa. Worra jajjabaa woliin isaan hin teessisa; barcumaa mootumma'aa ka ulfinnaalle isaaniif hin kenna. Sababille utubooti biyya lafaa ka Mootii Waan Maraa ti; inni biyya lafaa isaan irratti dade.