1 Samuel 20:29 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
na gad'iisi jed'e na kad'ate. Ammalle waan naani jed'e, Wonti anini deemu maleefi, worri keenna arra sorio woga qalata, oboleesi kiyyaleni yayu si ind'abini jed'e qonqo nati erge, tanaafi yo atini jaala kiyya taate na gad'iisi aka anini fit'a tiyya argu d'aqu nani jed'e. Wonti inni fulla sagale ind'ufinifi tana.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Maatiin keennaa fi ani qachaa keenna keessa ciincaa waan dhiyeessaniif jedhe obboleessi kiyya akka ani dhaquuf ana ajajeeraa yabo'oo na hoffolchi yoo si afo'otti gaachena argadhee jiraadhe dhaqee obboleewwan tiyya laalee deebi'aa na hoffolchi waan naan jedheef ani isa hoffolche; kanaaf affeerraa kana irraa dhabame» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni, ‹Firri keenna qachaa keessatti ciincaa waan dhikeessanuuf, akka ani achitti dhaggamu obboleessi kiyya na ajajeera; ani si duratti fudhatama yoo dhaggadhe, obboleeyyan tiyya dhaggiisaaf deema› jedhee guddoo na gaafateeraayyu; sababa kanaaf inni jila tana irratti adoo hin dhaggamin hafe» jedhe.