1 Samuel 20:42 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Yonathanini waan Daudini jed'e. Nagayaani deemi, nu yayu maqa AABBO Waaqatini wolti kakhanne aka woljaalanu. Kakhu suni AABBO Waaqi jiddu tiyyafi tanteetifi ta d'aloota kiyyatiifi ka kanketile nuu d'uga. Jennaani Daudini kae deeme, Yonathanileeni gara dira deebie.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa Yoonaataan «Nu lamaan jidduu, Rabbi ana fi si jiddu'utti, fixaa keetii fi fiixaa kiyya jidduu baraa haga bara baraa Rabbi ragaa haa ta'u jennee maqaa isaatiin wolii kakanneerra; kanaaf nagayaan taa'i» jedhee Daawiti ka'ee deeme; Yoonaataanillee gara qacha'aa gale.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Yonaataan Daawitiin, «Nuuti, ‹Si'ii fi ana, sanyii teetii fi sanyii tiyya wodhakka'atti Mootiin Waan Maraa haga bara baraa dhugaa bayaa keenna› jennee maqaa isaatiin waan kakanneef, nageyaan deemi» jedhe. Achiin duuba Daawiti ka'ee deemee, Yonaataanille gara qacha'aa deebi'e.