1 Samuel 20:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini waan jed'eeni, Bori guyya jila baatiti, anini hayyu woliini sagale soorachu male. Naa eebisi, anini deeme oobru keesati d'okhad'a, haga galgali iftaani gahuti.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawitillee «Boru ayyaana baatiin baatu waan ta'eef anillee mooticha woliin nyaadha; amma garuu haga iftaan galgalaatitti akka dhokadhuuf tole naa jedhi» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Daawiti Yonaataaniin, «Kunoo, boru jila baatii ji'aa waan teeteef, ani silaa mooticha woliin irbaata nyaatiisa qabaayyu; ammoo haga ittaan galgalaatitti diida keessatti akka dhokadhu naaf eeyyami.