1 Samuel 21:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini waan jed'eeni, Hayyichati huji na erge, ammo inni huji suni namuti inhimini nani jed'e. Ammo anini nama na jala hojatu yayu fulla tokoti wolti d'ufna jed'eeni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawitillee Abemelekii gadichaan akkana jedhe «Mootiin Saa'ol waan ani ajaje sii erga nama tokkottillee hin himin jedhee na ajajeera; kanaafuu namoota kiyya woliin hulee itti wol arginu isaanitti himeera.;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti deebisee Ahiimelekii hayyichaan, «Mootichi, ‹Marroo waan ani si ergeetii fi si ajajee kana nami tokkolle hin beekin› jedhee na ajajeera; namoota kiyya woliin eessatti akka wol woldeennu isaanitti himeera.