1 Samuel 21:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini waan Ahimelikini jed'e, Woraanafi goraade toko ka naa kennitu qabda? Anini maro hujiini hayyuuni na erge tunini huji hurre tolchu malani tateefi woraanafi goraade tiyya arifad'e biraa deeme.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti ammo «Hajaan mooti'ii ariifachiisaa waan ta'eef ani guraadee yookaan meeshaa lolaa waan hin finneef ati guraadee yookaan eboo uf biraa qabdaa?» jedhee Abemelekiin gaafate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti, «Haajaan mootichaa ariifachiisaa waan te'eef, ani shallaagaa yookiin meya lolaa kiyya hin fidanne; ati shallaagaa yookiin eboo ifi biraa hin qadduu?» jedhee Ahiimelek gaafate.