1 Samuel 21:9 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ahimelekini waan jed'eeni, Anini goraade Goliathi namicha Filisti ka atini bale Eela keesati ijeefte ch'alla qaba; isiini kuuno, achi miha woyyuma suni duuba mamarani teeti, yo feete fud'ad'i isi male goraadeeni d'ibiini injirtu. Daudini waan jed'eeni, Qarale goraadeeni isi ira jirtu injirtu, naa kenni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Abemelek ammo, «Guraadee Gooliyaadii Filisxeemii ka ati dhooqa Eela'aa keessatti ajjeefteentu Efuudi'iin maramee na bira jira malee ka biraa hin jiru; isa fudhachuu yoo barbaadde isa fudhadhu» jedhe. Daawiti, «Guraadeen akka guraadee isaa hin jiru; isuma naa kenni» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hayyichille deebisee, «Shallaagaan Goliyaadii filisxeemichaa, ka ati dhooqa Elaa keessatti ijjeettee, kunoo woya'aan maramee woyaa hayyumma'aa ta qomaatiin duuba jira; isa san malee ka dhibiin as waan hin jirreef, yoo barbaadde isuma fudhadhu» jedhe. Daawitille, «Shallaagaan akkasii waan hin jirreef, isuma san naaf kenni» jedhe.