1 Samuel 22:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani inni worra isa eegu kaani, ka isa d'aatu ejuuni waan jed'e, Qaalole AABBO Waaqa fit'a! Worri Daudini wolmalatani ammalle aka inni baqate, ato beekhu, na d'osse. Ammo worri sunini harka ufitini qaalole AABBO Waaqa suni fit'u dide.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa mootichi worra isa bira dhaabataniiraniin «Gadoonni Rabbii kun gara Daawitii waan goraniif, akka inni baqate uduu beekan natti himuu waan didaniif itti gara gala'aatii isaan fixaa'a» jedhe; loltoonni mootichaa garuu «Gadoota Rabbii hin ajjeefnu» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba mootichi eeddota adaala isaa dhaabbataneeranuun, «Hayyooti Mootii Waan Maraa tun marti Daawitiif golanee, baqatiisa isaa adoo beekanuu natti himuu waan didaneef, itti garagala'aatii isaan ijjeesa'a» jedhe. Tajaajiltooti mootichaa ammoo harka ifiitiin hayyoota Mootii Waan Maraa ijjeesiisaaf hin barbaanne.