1 Samuel 22:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hayyichi waan Doegini jed'e, Atumaani worra hobaasi, jennaani Doegini ch'ufa hobaase, akasiini inni guyya suni qaalole nama saddetami shani ta ch'ufti woya boofta ta aka korbo hid'atani taani ufira qabdu hobaase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf mootichi Dooyiqi gadoota kana atummaan ajjeesi jedhe; Dooyiqi Edoomichi ka'ee gadoota Efuudii uffatan sanniin maraa namoota saddeettamii shanii ajjeese.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba mootichi Do'eegiin, «Ati hayyoota tana ijjeesi» jedhe. Maarre Do'eeg nami qachaa Edoomii, itti garagalee, guyyaa san hayyoota saddeettamii shan ta woyaa hayyumma'aa ta qomaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffataneeranu ijjeese.