1 Samuel 22:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya toko Sauloni, ka Gibea jiru, gaara kore, ka woraana harkaa qabu mukha toko jala tae; worri gugurdaani askarti isaa ch'ufti isa marse ejaanje. Jennaani qonqooni d'ufte waan jed'aniini, Daudifi jari isaa yayu mullate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gaafa tokko Saa'ol, Daawitii fi namoonni isa woliin jiran akka argaman dhagayee Saa'ol eboo ufii qabatee qachaa Gibi'a'aa keessa Tulluu irratti muka lafa gammoojji'ii tokko jala ta'a'aa ture; ajajoonni loltoota isaa isa bira dhaabatanii turan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saa'ol gaafa tokko Daawitii fi namooti isa woliin jiranu akka mudhatane dhage'e. Saa'ol eboo ifii qabatee qachaa Giibe'aa keessa kooba irra muka «Tamariiski» jedhamu tokko jala tee'eeraayyu; tajaajiltooti isaa marti adaala isaa dhaabbataneeraniiyyu.