1 Samuel 23:11 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Keila harka Sauloti naa inkenna? Sauloni ka ind'ufa jed'ani d'uguma ind'ufa? Ee AABBO, Waaqa Israeli, nati himi. AABBO Waaqi waan jed'eeni, Ee, inuma d'ufa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Yoo Saa'ol dhufe worri qachaa Qi'ila'aa dabarsanii na kennanii? akkuma ani garbichi kee dhagaye kana dhugama Saa'ol garana dhufu'uuf ta'aa? Waaqa Israa'elii Rabbii kiyya! deebii akka naa deebiftu si kadhadha!» jedhe. Rabbillee «Ee! Saa'ol dhugamaan hin dhufa» jedhee deebiseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti qachaa Qeyilaa harka isaatitti dabarsanee na hin kennanii? Akkuma ani dhage'e Saa'ol dhugumaan as hin dhufaa? Ee Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii ana tajaajilaa keetitti himi!» jedhe. Mootii Waan Maraalle deebisee, «Inni hin dhufa» jedhe.