1 Samuel 23:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Daudifi jari isa Keila d'aqani, worra Filisti had'ani, nama heddu fit'ani, hori worrale fuud'ani. Aki Daudini dira suni baase akasi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaafuu Daawitii fi worri isa faana deeman ka'anii Qi'ilaa dhaqanii Filisxeemotatti balaa buusan; isaan keessaa namoota baay'ee ajjeesanii horii isaanii booji'anii harkaa fudhatan; akka kanaan Daawiti qachattii Qi'ila'aa badii jalaa baase.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Daawitii fi namooti isaa gara qachaa Qeyilaa dhaqanee, Filisxeemota lolanee horii isaanii booji'anee, isaan keessaa nama bacaa ijjeesane. Maarre Daawiti kolbaa qachaa Qeyilaa badii irraa hambure.