1 Samuel 23:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Saulo aka Daudini Keila d'aqe iti himani jennaani inni waan jed'eeni, Waaqi yayu harka kiyya keesa isa buuse. Daudini yayu dira d'akhaani marsani aka naabo jaarani d'aqe t'urura keesa ufi buuse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saa'ol akka hennaa Daawiti gara qachaa Q'ila'aa dhaqe haga dhagaye «Qachaa balbala, loosa'aa fi cufaa qabu keessa waan seeneef Rabbi dabarsee isa naa kenneera» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti gara qachaa Qeyilaa akka dhufe Saa'olitti himane. Saa'olille, «Daawiti qachaa karraa fi danqaraa karraa qabu seenee waan ifitti cufateef, Waaqi isa harka kiyyatti dabarsee kenneera» jedhe.