1 Samuel 24:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
AABBO Waaqi ha anaafi sii nama wollaala qabu arguti! Inni waan atini akana na gaargalchiteefi sile gaargalchina anini gama kiyyaani woma si intolchu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ammaa achi Rabbi anaa fi si jiddu'utti haa murteessu; Rabbi haluu naa haa baasu malee ani haluu si hin bawu; waan hamaa ati hojjatte maraa mataa keetitti deebisa.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Waan Maraa anaa fi si wodhakka'atti muraa kennuu ti. Ati na irratti hammeenna waan hujjeef, Mootiin Waan Maraa haluu si naaf bayuu malee, harki kiyya waan hantuu si irratti hin huju.