1 Samuel 24:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jari suni waan Daudini jed'e, Guyyaani AABBO Waaqi, nyaapa kanke harka keetiti kenne waan feetu tolchi sini jed'e kana Daudini laanuma gaade, ka Sauloni woma quba inqamne, dudda duubani bahe woya isaa qota isii toko iraa kute.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Loltoonni Daawitii Daawitiin, «Guyyaan Rabbi waan jaalatte akka gootuuf diina kee harka kee jala galcha jedhee dubbate santu gaye!» jedhaniin; achii Daawiti suuta jedhee qaccee uffata Saa'olii kutee fudhate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti Daawitiille, «Guyyaan Mootiin Waan Maraa, ‹Diinota keeti waan feete akka gootuuf harka keetitti dabarsee hin kenna› jedhee dubbate kunoo adha!» isaan jedhane. Achiin duuba Daawiti dhokatee dhaqee handaara woyaa Saa'olii irraa mure.