1 Samuel 25:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini waan worraani jed'e, Goraade teesani hid'ad'a; jennaani worri hid'ate, Daudileni ta ufi hid'ate, nama haga d'ibba afuri fud'ate, nama d'ibba lama miha birati lakise kae iti d'aabate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti «Amma isin maruu guraadee keessan hidhadhaa'a!» jedhee ajaje; isaanillee akkuma ajajaman godhan; Daawitillee guraadee hidhatee achii worra mi'a eegan namoota dhibba lamaa hambisee namoonni dhibba afurii deemsaaf ka'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti dargaggoota ifiitiin, «Isin martinuu shallaagaa keessan hidhadha'a» jedhe. Maarre isaan martinuu shallaagaa ifii hidhatane. Daawitille shallaagaa ifii hidhate. Namooti gara dhibba afurii Daawiti woliin ol bayanee, namooti gara dhibba lamaa meya eegiisaaf hafane.