1 Samuel 25:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Amma dubbi tana laali, waan tolchu malani heregi; wonti akanatiifi gaargali fago injiru, amuma tana nufi abba keennale qabata. Inni nama hama, dubbi nama tokole ind'agau.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amma ammo gooftaa keenna irratti, maatii isaa maraa irrattillee wonti hamaan akka dhufu murtiin murteeffameera; inni nama waan tokkoof garaa hin laafne waan ta'eef namni tokkollee isatti hin dubbatu; ati waan kana beeki; waan godhuu barbaadde akka gootu yaadadhu!» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf amma goottaa keennaa fi maatii isaa mara irratti miidhaan dhufiisatti waan jirtuuf, ati tana beekiitii waan godhiisaaf malte godhi. Inni nama yabaabulaa waan te'eef, nami tokkolle isatti dubbatiisa hin dande'u» jedhe.