1 Samuel 25:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namicha tokoti jira, ka balbala Kalebu, ka Nabali jed'ani, ka worri isaani dira Maoni; ammalle inni dira Karmeli d'aatu, oobru qaba. Inni guddo dureesa, hooliyeeni isaa kuma sadi laleesi kuma toko. Niitiini isaa ta Abigaili jed'ani guddo mid'aadi, ammalle guddo wo beeti. Ammo d'iirsi isii nama hama, ch'ubbicha woma iraa imbanne. Namichi Nabali jed'ani kunini hooliye isaa dira Karmeliti rifeensa iraa ch'iru jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa namicha gosa Kaaleebii ka maqaan isaa Naabaal jedhamu tokkotu jira; inni biyya Maa'onii keessa jiraata'aa ture; qachaa Qarmeloosii biratti lafa qonnaa qaba; inni nama dureessa; hoolota kuma sadihiitii fi re'iin kuma tokkoo qaba; maqaan haadha manaa isaa Abigiyaa jedhamti; isiin guddiftee bareeddu'uu fi ta qalbii qabdu turte; inni ammo nama bushaaya'aa fi ka amala bada'aati; Naabaal Qarmeloositti rifeensa hoolotaa mura'aa ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Biyya Maa'onii qachaa Qarmelosii keessa namichi dureessi karra guddoo qabu tokko jiraayyu. Inni hoolota kuma sadii fi re'oota kuma tokko qabaayyu. Inni Qarmelos keessatti rifeensa hoolota irraa quxataayyu.