1 Samuel 25:26 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami haalo bafachu si d'owe, nyaapa kankele ijeesu si d'owe AABBO Waaqa. Amma anini maqa AABBO Waaqa jirutini nyaapa kanketifi nama si balleesu fed'u ch'ufa abaara, aka worri aka Nabali tahe daallau.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
gooftaa kiyya! maqaa Rabbii jiraata'aatiin sii kakadhaa akka ati diintota kee ajjeeftee haluu hin baane ka si dhoogge Rabbi; ammallee diintonni keetii fi worri si gooftaa kiyya irratti waan hamaa yaadan akka Naabaalii haa ta'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'eetii fi lubbuu teeti jiraattu'uun kakadha, ati dhiiga dhangalaattee haluu akka hin baaneef Mootiin Waan Maraa si eegeera; diinoti keetii fi worri si goottaa kiyya miidhuu barbaadu marti akka Naabaal te'e te'anuu ti.