1 Samuel 26:12 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Daudini woraanafi sorora bisaani, ka d'aatu mata Saulo jiru, fuud'e isaafi Abishaini kaani iti d'aabatani. Nami tokoleeni ka worra arge yokhaani ka waan worri tolche beekhu injiru, nami tokoleeni ka damaqe injiru. Worri ch'ufti aka male rafu jira, waan AABBO Waaqi hiriba gudda worra ch'ufati buusefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti ebo'oo fi waan bisaan itti buusan mataa Saa'olii gubba'aa fudhatee isaa fi Abisaan achii deeman; Rabbi hirriba guddaa waan isaanitti buuseef isaan maruu rafaniiran; namni tokkollee hin dammandhe; isaan hin argine; waan kanallee hin beenne.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Daawiti ebo'oo fi meya bisaanii ka mataa Saa'olii dura jiranu san fuudhee, isaan lamaanuu achii deemane. Mootiin Waan Maraa hirriiba hamaa isaanitti waan buuseef, isaan marti rafanee, nami tokkolle dammaqee isaan hin dhaggine yookiin tana hin beenne.