1 Samuel 26:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini waan jed'eeni, Abineri, atini d'iiraniti, Israeli keesa nami sira jiru injira? Atini maanifi hayyicha abba kanke intissini? Amuma tana reefu namichi toko hayyicha abba kanke ijeesu d'ufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti, «Ati Abaaneer Israa'eliin keessatti nama beekkama'aamii? Gooftaa mootii keessan maali'iif dammaxxanii hin eenne? nu keessaa namni tokko isa ajjeesu'uuf gara keessan dhufee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawitille, «Ati namaa motii ree? Israa'el keessa ka akka keetii eennu? Nami tokko goottaa keeti mooticha ijjeesiisaaf waan dhufeef, ati goottaa keeti mooticha maaf hin eenne ree?