1 Samuel 26:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ee hayyicha, dubbi tiyya d'agayi yo nami beeni, Daudi had'i sini jed'e AABBO Waaqa taate, anini sorio baaseefi herega isaa garagalcha: ammo yo nama taate, AABBO Waaqi nama suni balleesinna. Wonti akanatiifi worri sunini lafa AABBO Waaqa keesaa na baase, lafa d'ibi anini waaqa d'ibi kad'ad'uni na d'ufe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootii; gooftaa kiyya! waan ani siin jedha'aaru dhagayi! ka natti si kaase uduu Rabbiin ta'ee silaa isaaf ciincaa dhiyeessu'uun aarii isaa uf irraa deebisa ture; garuu worri kana godhan yoo namoota ta'an isaan lafa Rabbi sii kenne irraa deemii waaqolee tolfamaa waaqeffadhu jedhanii waan na ari'aniif ka abaaraman haa ta'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amma goottaan kiyya qoonqoo tajaajilaa ifii caqasuu ti. Mootiin Waan Maraa na irratti si kaasee yoo jiraate, inni kennansa fudhatuu ti. Namooti tana godhanee yoo jiraatane, akka ani qooda hin qabaanne, ‹Dhaqiitii waaqota dhibii waaqonfadhu› jedhanee waan na ari'aneef, isaan Mootii Waan Maraa duratti abaaramanuu ti!