1 Samuel 27:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini waan ufiini jed'e, Guyya toko anini harkuma Saulotini dua, wonti dansaani anini tahu male aka lafa Filistiti baqad'u. Yo akasi tahe, Sauloni barbaada lafa Israeli keesa na barbaadu kana lakise, anini harka isaa nagayaani jalaa baha.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti garaa ufii keessatti akkana jedhee yaade; «Ani gaafa tokko harka Saa'oliititti du'uun kiyya waan hin oolleef dafee gara biyya Filisxeemii baqachuu naa woyya; yoo san Saa'ol abdii kutatee biyya Israa'elii maraa keessa na barbaaduu dhiisa; ani isa jalaa baya» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti gadhaa ifii keessatti, «Guyyaa tokko harka Saa'oliititti du'iis kiyya waan hin oolleef, gara biyya Filisxeemotaa baqatiisa naa woyya. Achiin duuba Saa'ol biyya Israa'elii keessa na barbaadiisa hin lakkisa; anille harka isaa jalaa hin baya» jedhee herrege.