1 Samuel 28:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bara suni worri Filisti nama wolti baase worra Israeliti duule. Jennaani Akishini waan Daudini jed'e, Atini imbeetaniti aka sifi jari kankeleeni duula kiyyati daramtani woliini duultani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa hago'oon maayessa worri Filisxeemii worra Israa'eliitiin lolu'uuf loltoota isaanii wolitti qabatan; Ankus yoo san Daawitiin «Atii fi namoonni kee na woliin lola akka dhaxxan hubadhu» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara san Filisxeemoti Israa'el loliisaaf loltoota ifii wolitti qabatane. Akiishi Daawitiin, «Atii fi namooti keetille na woliin akka duultanu beeki» jedhe.