1 Samuel 28:15 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Samuelini waan Sauloni jed'e, Atini maanifi na gaargalchite ch'iisu na d'owarte na yaamta? Sauloni waan jed'eeni, Gaargala guddati harkaa na qaba, worri Filisti na had'u jira Waaqi ya na lakise. Inni amma yayu raagafi oobjuleeni nani dubbachu dide. Tanaafi si yaame aka atini waan anini tahuu male nati himtu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saamu'eel Saa'oliin, «Maaf hara baafannaa na dhooggita?» jedheen; Saa'ol ammo «Filisxeemoonni naan lola'aaran Rabbi ammo na irraa gara gale; raagaan yookaan eebju'uun naa deebisuu dide; ani rakkata'aa jira; kanaaf waan godhuu na barbaachisu akka natti himtu si waamadhe» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Saamu'el, Saa'oliin, «Ati maaf du'a keessaa kaasiisaan na rakkitta?» jedhe; Saa'ol deebisee, «Ani rakkinna guddaa keessa jira; Filisxeemoti na loliisatti jirti; Mootiin Waan Maraalle na lakkisee, raagotaan yookiin oojju'uun deebii naaf kennuu dideera. Tanaaf maan akka godhu akka natti hintuuf, si waammadhe» jedheen.