1 Samuel 28:23 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo inni dide waan jed'e, Anini woma tokole inyaad'u. Ammo jari isaleeni iti d'owe nyaad'i jed'eeni, Duuba eege inni ee jed'e lafaa kae sire ira tae,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saa'ol garuu, «Ani waan tokkollee hin nyaadhu» jedhee dide; garuu loltoonni isaatii fi dubartittiin akka nyaatu waan isa jajjabeessaniif «Maarre» jedhee lafa kufee ka'ee siree irra taa'e;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni, «Hin nyaadhu» jedhee didate. Te'uu malee tajaajiltooti isaa dubartittii woliin guddoo waan isa kadhataneef, dubbii isaanii dhage'ee, lafaa ka'ee taqee irra tee'e.