1 Samuel 28:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Bara Samuelini due kaani worri Israeli ch'ufti boheefi, dira isaa ka Rama keesati isa awaale. Jennaani baruma suni Sauloni nama wohimufi falfaltu ch'ufa irreeni lafa Israeli keesaa baase.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara san Saamu'eel duunaan worri Israa'elii maruu booyaniifii qachattii isaa Raamaa keessatti isa awwaalan; hennaa san Saa'ol Ekeraa dubbiftu'uu fi mortuu biyya keessaa baasee ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saamu'el du'ee Israa'elooti marti isaaf boottee qachaa isaa Raamaa keessatti isa awwaalane. Bara san Saa'ol worra ekeraa dubbisuu fi worra moru biyya keessaa balleesseeraayyu.