1 Samuel 28:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Sauloni waan hojattu isaatini jed'e, Niiti falfala beetu naa barbaadi, anini woi gaafachu fed'a. Worri waan jed'eeni, Lafa Endori keesa niiti waan akasi beetu jira.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Saa'ol hojjattoota ufiitiin «Dubartii ekeraa dubbiftu naa barbaada'aa qoradha'aatii anillee gara isi'ii dhaqee gorsa gaafadhaa.› jedhe; hojjattoonni isaallee deebisanii «Dubartiin ekeraa dubbiftu takka Ayindooriin keessa jirti» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Saa'ol tajaajiltoota ifiitiin, «Dhaqee isii akka gaafadhu, dubartii ekeraa dubbittu naa barbaada'a» jedhe. Isaanille deebisanee, «Kunoo, dubartiin ekeraa dubbittu takka Endoor keessa jirti» jedhaneen.