1 Samuel 29:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri gugurda askarti Filisti worra Daudi arge waan hayyuuni jed'e, Worri Ebrania kunini maani armaa tolcha? Akishini waan jed'eeni, Kunini Daudi nama duri hayyicha Israeli ka Saulo jed'ani hojate. Ammo amma naafi inni guddo woliini teenne. Haga inni fulla tiyya d'ufe anini taka waan hamtu inni tolche ingarre.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ajajoonni loltoota Filisxeemii hennaa isaan argan, «Worri Ibrootaa asii maal hujan?» jedhanii gaafatan; Ankus deebisee, «Kun Daawitii hojjataa Saa'olii mootii Israa'eliiti; inni na bira haga dhufe woggaa irra caaleera; anillee haga gaafa inni na biratti galee jalqabee haga adhaa hamaa tokkollee isa irratti hin argine» isaaniin jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajajjooti loltoota Filisxeemotaa, «Worri Ibrootaa kun maan asii hujan?» jedhanee gaafatane. Akiishi deebisee, «Kun Daawiti, tajaajilaa Saa'olii, ka mooticha Israa'eliitii motii? Inni na bira haga dhufee woggaa irra dabareera; anille guyyaa inni natti galee jalqabee haga adhaatitti yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine» jedheen.