1 Samuel 30:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami artiti hafe suni nama d'ibba lama ka dad'abii laga suni taaku dad'abe. Ammo Daudini worra nama d'ibba afuri woliini reebu iti d'aabate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni dhibba lamaa guddisanii waan dadhabaniif laga Beesoorii ceewuu hin dandeenne kanaaf achitti hafan; Daawitii fi namoonni isaa dhibbi afurii ammo jara hordofan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti dhibbi lama ammoo guddoo waan dadhabaneef, laga Besoorii gamatti bu'uu waan hin dande'iniif, Daawiti namoota dhibba afur woliin loltoota san hordofe.