1 Samuel 30:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Daudini waan jed'eeni, Atini dandeete fulla worra nama had'e suni na geesita? Inni waan jed'eeni, Maqa Waaqatini kakhad'i, aka atini na iniijeemne yokhaani aka atini harka abba kiyya suniti na indeebimne, duuba si geesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti isaan, «Gara hulee saamtonni jiranii na geessuu dandeettaa?» jedhee gaafate; ka'imtichillee, «Akka na hin ajjeefne dabarsitee gooftaa kiyyatti akka na hin kennine naa kakadhu; gara isaanii si geessaa» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawitille, «Gara garee loltoota sanii nu geessuu dandeettaa?» jedhee gaafate. Inni deebisee, «Ati akka na hin ijjeenne yookiin harka goottaa kiyyaatitti dabarsitee akka na hin kennine Waaqa duratti naaf kakadhu. Anille gara garee loltoota sanii si hin geessa» jedheen.