1 Samuel 30:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Boriyyaate ganama Daudini iti ch'abse haga aduuni d'iituti worra had'e. Nama kaima ka d'ibba afuri ka gaala yaabate baqate male nami kaani tokoleeni infiinne.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti halkan san irraa jalqabee haga bariisaa san galgalaa isaaniin lola'aa ture; namoota dhibba afurii ka gaala yaabbatanii jalaa baqatan malee dhiirti tokkollee jalaa hin baane.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Daawiti galgala saniin jalqabee haga galgala guyyaa itti aanuutitti isaan lolee, dargaggoota dhibba afur worra gaala irra tee'ee baqate malee, isaan keessa nami tokkolle miliqee hin baane.