1 Samuel 30:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Daudini fulla nami isaa, ka d'ibba lama yau dad'abe iti hafe ta laga Besoritini bahe. Jennaani worri Daudifi jara isaa fuula keesaa d'ufe, Daudileni worrati gad'ufe nagaya fuud'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Daawiti deebi'ee gara namoota dhibba lamaa worra guddisanii dadhabanii laga Beesooriititti isa biraa hafaniiranii dhaqe; isaanillee Daawitii fi namoota isa woliin jiran reebbachu'uuf bayan; Daawitii fi namoota isa woliin jiran gara jaraa dhiyaatanii isaan gaafatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Daawiti gara namoota dhibba lamaa worra guddoo dadhabee isa gula deemiisa dadhabanee, ka laga Besoorii biratti isa biraa hafanee deebi'ee dhaqe. Isaanille Daawitii fi namoota isa woliin jiranu qophatiisaaf bayane. Daawiti gara namoota sanii yennaa dhikaate nageya isaan fuudhe.