1 Samuel 31:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Miha isaa ka lola mana waaqa worraa ka Ashtorethi jed'ani keesa kayani, nafa isaa dira Beth-Sani keesati fannisani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa worri Filisxeemii woraana Saa'oliitii fi mi'a woraanaa fakii intalaa ta Astaarooti jedhamtee waamamtuu ta mana qulqulluu keessa jirtu keessa kaayan; reeffa Saa'olii ammo hulee Beetisaan jedhamtu dallawa irratti fannisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isaan meya woraanaa ka isaa galma waaqa dharaa ka Ashitaarotii keessa keyanee, reeffa isaa dalleya dhaka'aa ka Bet-Shaaniititti fannisane.