1 Samuel 31:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami janni ch'ufti halkani suni ch'ufa Beth-Saniti yaa bulani. Achini bahani jennaani reefa Saulotifi ka ilmaani isaa dira suni keesaa guurani, Yabeshi geesani achiti gubani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
loltoonni isaanii worri jajjabaan ka'anii halkan guutuu deemanii reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa sadiinii dallaya Beetisaanii irraa buusanii gara Yaabeshii dhufanii achitti isaan guban.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
namooti isaanii goototi marti halkaniin gara Bet-Shaanii dhaqanee, reeffa Saa'oliitii fi reeffa ilmaan isaa dalleya dhaka'a ka Bet-Shaanii irraa gad buusanee, gara Yaabeshii fidanee achitti isaan gubane.