1 Samuel 31:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni waan nama miha isaa ka lola isa jala baatuni jed'e goraade tante qalqala keesaa fud'ad'i, lubbu na kuti, aka worri waaqa imbeenne kunini na qabe nati tabate na inijeemne. Ammo namichi sunini mudame isa ijeesu dide. Jennaani Sauloni gorade ufii fud'ate ufi jala d'aabe iti dirme.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saa'ol namicha mi'a woraanaa isaa baatuun «Worri hin gadoomne dhufanii akka natti hin taphanne ati guraadee keetiin na ajjeesi» jedheen; namichi mi'a lolaa baatuuf guddisee waan sodaatee tureef kana godhuu dide; achii Saa'ol guraadee ufii fudhatee itti dirme.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Saa'ol dargaggeessa meya isaa ka woraanaa ba'atu saniin, «Worri haqanqabaa hin qabatin kun dhufee na ijjeesee akka na hin salphinne atinuu shallaagaa keeti buqqifadhuutii na ijjeesi!» jedhe. Dargaggeessichi isaa sun guddoo waan sodaateef isa hin ijjeenne. Maarre Saa'ol shallaagaa ifii buqqifatee irratti jige.