1 Samuel 31:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Israeli, ka bale Yezreelitini gama jirufi ka galaana Yordani ilaboru jiru aka askartini Israeli baqate Saulofi ilmaani isaa fit'ani d'ageennaani, dira ufi lakise baqate. Jennaani worri Filisti d'ufe dira suni ch'ufa fud'ate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Israa'elii ka dhooqa Yoordaanosiin irraa gara baya biiftu'uu jiranillee loltoonni isaanii akka baqatan Saa'olii fi ilmaan isaa akka dhuman hennaa argan isaanillee qachoota ufii dhiisanii baqatan; worri Filisxeemii ammo dhufanii qachoota san qabatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Israa'elooti dhooqaan gamaa, laga Yordaanosii irraa karaa aduun baatu jiranu, loltooti Israa'elii akka baqatane, Saa'olii fi ilmaan isaalle akka dhumatane yennaa dhaggane, qachoota ifii lakkisanee baqatane. Filisxeemotille dhufanee qachoota san qabatane.