1 Samuel 4:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Elini ka waan Sanduqa Wold'aqisa guddo garaani isaa ira sodaachu jiru d'aatu kara barch'uma ufi ira tae laala. Namichi kaani diraani bahe, oduuni dira ch'ufa qabate jennaani, nami ch'ufti nahe, iyye lalabe bohe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa inni gara Seelo'oo dhufu Eeliin waan saanduuqa waadaa Rabbiitiif onneen isaa raafamee tureef teessuma baafatee karaa irra taa'ee eega'aa ture; hennaa inni gara qachatti'ii seenee isaanitti odeesse qachaan maruu hin iyyite.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa inni achi geye, Eliin marroo Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaatiif gadhaan isa raafamee karaa qarqara barcumaa irra tee'ee eegatiisatti jiraayyu; nami sun gara qacha'aa dhufee waan te'e kana yennaa hime worri qachaa keessa jiru marti iyyane.