1 Samuel 4:18 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni maqa Sanduqa Wold'aqisa Waaqa d'ae jennaani Elini dudda duubati barch'uma isaa, ka d'aatu fulloo eju, iraa d'aqate. Inni guddo jaarsa, ammalle gabba, tanaafi qaarinaani lumeeni ch'abt'e achumati due. Inni ganna afurtama jaallaba Israeli tahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa namichi dhaamsa fide sun waan saanduuqa waadaa Rabbii dubbate, Eeliin teessuma balbala laddatti irra taa'eeru irraa kufee waan jaaree ijji isaa dimimmifteertuuf lum'atti citee du'e; inni worra Israa'elii woggaa afurtama bulche.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami sun marroo Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa yennaa hime, Eliin karra bira barcumaa irra tee'eeru irraa gara duubaa jige; inni jaarsa dulloome furdaa waan te'eef mormi isaa cabee achumatti du'e; inni woggaa afurtama Israa'el irratti abbaa mura'aa te'eeraayyu.