1 Samuel 4:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Niitiini Finehasi, ka ilma Eli, garaacha qabdi, waan halkani d'ala seente. Isiini aka Sanduqa Wold'aqisa Waaqa boojianifi ammalle aka d'iirsafi abbaani duani d'ageennaani hojuma suni ilmeeni iti ejate d'alte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hennaa san intalti ilma isaa ta Finihaasii ulfooftee dawuu geetteerti; haga akka saanduundhi waadaa Rabbii booji'ame, soddaan isi'iitii fi abbaan worraa isi'iillee akka du'an haga dhageette, naatee ciniinsifattee jilbiiffattee deette.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yennaa san niitiin ilma isaa ta Fiinehaasii ulfoottee deyiisa geetteertiiyyu. Isiin oduu booji'amiisa Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa, abbaan sodda'aa ka isi'iitii fi abbaan manaa ka isi'ii akka du'ane yennaa dhageette ciniinsuun itti bira tartee jilbiiffattee deette.