1 Samuel 4:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri duula ka fiige gale jennaani, jaaroleeni Israeli waan woliini jette, AABBO Waaqi maanifi aka worri Filisti nu dabsatu nuti lakisa? Nu yaasa, Sanduqa Wold'aqisa AABBO Waaqa Shilo fuuna, aka isa achi geesine, duuba AABBO Waaqi harka nyaapa keenna keesaa nu baasu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri hafan hennaa gara qe'ee ufii deebi'an manguddoonni Israa'elii «Adha Rabbi maaf worra Filisxeemii jalatti nu kuffise? Saanduuqa waada'aa akka nu jidduu deemu diina keenna jalaa akka nu baasu, Seelo'oo haa finnuu» jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Loltooti addee qubatanetti yennaa deebi'ane, jaarsoleen Israa'elii, «Mootiin Waan Maraa adha Filisxeemoti akka nu injifatanu maaf godhe? Akka inni nu woliin duulee harka diinota keennaa jalaa nu baasu, kowa'a dhandhee Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa Shiiloo keessaa as fidanna!» jedhane.