1 Samuel 5:10 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani worri Sanduqa Wold'aqisa ufira dira Filisti d'ibi, ka Ekroni jed'aniti geese, ammo inni achini bahe jennaani biyyiti boote iyyite waan jette, Worri kunini ya Sanduqa Wold'aqisa Waaqa Israeli armaani d'ufe, aka nuufi nama keennale ch'ufa hobaasu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Saanduuqa waadaa Rabbii gara Asqaaloona'aa fidan; hennaa saanduundhi waada'aa gara Asqaalona'aa dhufe worri Asqaalona'aa «Nu'uu fi banii keenna fixu'uuf saanduuqa waada'aa ka Waaqa Israa'elii nutti fidan» jedhanii iyyan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa san gara Eqroonii geessane; Saanduqi Gondooro'oo sun akkuma gara Eqroonii dhufeen ammoo kolbaan Eqroonii, «Isaan nu'uu fi kolbaa teenna ijjeesisiisaaf, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara keenna fidanee!» jedhanee iyyane.