1 Samuel 5:11 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba ammalle hayyoota worra lafa Filisti ch'ufa wolti yaamani waan jed'ani, Sanduqa Wold'aqisa ka Israeli kana fulla isati nuraa deebisa, aka nufi worri keenna inhobaane. Dira suni keesa biyyiti guddo mudamte maro Waaqi aka hama nama gaargalchuti jirufi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qachattii maraa keessa naasuun du'aa waan jiruuf, waan Rabbi guddisee isaaniin lola'aaruuf bulchoota worra Filisxeemii nama itti erganii waamsisanii, «Saanduuqa waada'aa ka Waaqa Israa'elii nu biraa baasaa'a; nu'uu fi banii keenna akka hin findhe garuma hulee ufii haa deebi'uu» jedhan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Waaqi achitti waan isaan adabeef, raafam du'aa qachaa san duudii guute. Worri qachaa sanii namoota erganee bulchitoota Filisxeemotaa mara wolitti qabanee, «Nuutii fi kolbaan teenna akka hin dhumanne, Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii nu irraa fageessa'aatii addee isaatitti deebisa'a» jedhane