1 Samuel 5:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Boriyyaatele Dagoni ka akuma kaani Sanduqa Wold'aqisa durati qaarie argani, maro tana matafi harki isaa lamaani ira ch'ach'abeti balbala keesa ch'iisa; nafa ch'allati hafe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gaafa guyyaa lammataallee yoo dhaqanii laalan daagoon saanduuqa waadaa Rabbii afo'otti addaan lafatti gad kufeera, mataan daagooniitii fi harki isaallee ciccitee madabii gubbaa jira; qomni isaa garuu hojjatti hafe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Boruyyaa ganama ammoo yennaa ka'ane kunoo, waaqi dharaa Daagon Saanduqa Gondooro'oo Ka Mootii Waan Maraa duratti lafatti gad gombifameeruun dhaggane; mata'aa fi harki isaa lamaanuu irraa caccabee badhinna keessa bu'ee nafi isaa callaan hafeeraayyu.