1 Samuel 5:8 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani nama ergani hayyoota shanani ta worra Filisti wolti gadi yaamani, Sanduqa Wold'aqisa ka Waaqa Israeli maani tolchina? jed'ani gaafatani. Worri waan jed'eeni Gathiti geesa. Jennaani worri Gathiti geesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Wal gayanii gara mootota Filisxeemii maraa dhaamsa erganii «Saanduuqa waada'aa ka Waaqa Israa'elii maal haa goonu?» jedhan; isaanillee «Saanduundhi waada'aa ka Waaqa Israa'elii gara Geetii haa geeffamuu» jedhanii deebisan; saanduuqa waadaa Rabbii baadhatanii achi fidan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre isaan namoota erganee bulchitoota Filisxeemotaa mara wolitti qabanee, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii kana maan goona?» jedhanee gaafatane. Bulchitootille, «Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara qachaa Gaatii geessa'a» jedhanee deebii kennane. Maarre isaanille Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqa Israa'elii gara qachaa Gaatii geessane.